Waldaan Hakiimota Oromiyaa weerara dhukkubaa ilaalchisuun waamicha dabarse

Weerara dhukkuba adda addaa Oromiyaa keessatti tamsaa’aa jiru deggarsa ogummaan uummata bira dhaabbachuuf Waldaan Hakiimota Oromiyaa miseensota isaaf waamicha godhe

Oromiyaa keessatti weerara dhukkuba Gifiraa, Busaa fi kaan yaaddoo uumaa jiru. Isa kana hawwaasa isaa damdamachiisuuf Waldaan Hakiimota Oromiyaa uummata weerara dhibee addaa addaan lubbuu dhabaa jiraniif deggersi ogummaa hatattamaa akka taasifamu miseensota isaafi ogeeyyii fayyaaf waamicha taasiseera

Waldichi uummanni weerara dhibeewwan akka koleeraafi busaan miidhamaa jiraachuu miseensotaafi ogeeyyii fayyaaf ibse.

Waldaan Hakiimota Oromiyaa ragaa dhiyeenya miseensota isaafi qooda fudhattoota biroo naannoo miidhaan ga’aa jiru irraa argateen tarkaanfii hatattamaa fudhachuun barbaachisaa ta’uu argisiisa jedhe.

Weerarri dhibeewwanii kun addatti naannoowwan waraanaan miidhaman Godinaalee Oromiyaa lixaatti argaman afur, Iluu Abbaaboor fi Jimma dabalatee miidhaa geessisaa jiraachuu ibse.

Akkasumas Godina Gujii keessattis dhibeen koleeraa deebi’ee mul’achaa jira jedhe.

Waldaan Hakiimota Oromiyaa sochii idilee isaatiin alatti qooda fudhattoota waliin ta’uun rakkoolee fayyaa hatattamaa kana furuuf sochiitti jiraachuus beeksiseera.

Yeroofi bakka sochiin taasifamaa jiruufi itti raawwatamu ilaalchisee qophii akka xumureen ibsa addaa akka kennus ibseera.

Waldichi yeroo murteessaa kanatti miseensota isaafi ogeeyyii hawaasa isaanii tajaajiluuf fedhii fi kutannoo itti fufinsa qabu argisiisan galateeffateera.

Weerara ittifamuu danda’u garuu lubbuu ilma namaa balleessu kana qolachuuf carraaqqiin keessan olaanaa dha jedhee jira.

Share this on: