“Diinni nu keessatti wal horteetti” jedhe Dr. Dabratsiyoon Gabramikaa’el

Hogganaa TPLF kan ta’e Dr. Dabratsiyoon Gabramikaa’el paartii isaanii keessa diinni harka seensifachuu hime.

Dura taa’aan Adda Bilisaa Baasaa Ummata Tigraay (TPLF) Dabratsiyoon G/Mikaa’el “Yoo TPLF diigame waliigalteen Piriitooriyaas hin jiru” jedhee jira. Akkasuma diinni paartii isaanii keessatti wal horuus dubbate

Dr Dabratsiyoon haasaa baniinsa yaa’ii paartichaa 14ffaa kaleessa Hagayya 13,2024 ture kan paarticha keessatti qoqqoodinsa uumerratti kana dubbate.

Seera qabeessummaa TPLF dhorkachuun dhaabicha diiguudha kan jedhe hogganichi; kun ta’uun ammoo uummata Tigraay diinatti kennuudha jechuun ibse.

Wal-waraansi mootummaa federaalaa fi humnoota Tigraay gidduutti waggoota lamaaf ture, waliigaltee Piritooriyaatti mallatteeffame goolabamee ture. Dr Dabratsiyoon paarticha diiguun waligalticha diiguudha haa jedhu malee, Ministirri Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa Dr Laggasaa Tulluu, TPLF yaa’ichaa taa’uun ‘’Waliigaltee Piritoriyaa diige’’ jechuun himate.

Dr Laggasaan akka jedhetti, TPLF ji’oota muraasa darban keessa Waliigaltee Piriitooriyaa irraa jala sharafaa ture jechuun “Nageenya ummanni Tigraay hanga tokko argate akka mulqameetti ilaalama” jedhe

Yeroo tokko, lama, dogoggoruun jira. Garuu dogongora yeroo sadii haala wal fakkaatuun hojjechuun daandii gara badiitti geessu jechuun Dr. Laggasaan ibsuun gaafatama kanaas TPLF akka fudhatu eere.

Waggoota 50 oliif siyaasa Itoophiyaa keessatti shoora olaanaa taphataa kan ture TPLF gidduutti wal dhabdeen mudate naannoo Tigiraayitti muddama jabaa uumaa jira.

Adeemsi kora waliigalaa paartichaa taa’uu fi irra-deebiin Boordii Filannoo Biyyaalessaatti galmaa’uu wajjin wal qabatee hoggantoota paartichaa olaanoo gidduutti wal dhabdee guddaan mudateera.

Kana irraa kan ka’e Bulchaa Yeroo naannichaa akkasuma Itti Aanaa Dura Taa’aa TPLF tahan Obbo Getaachoo Raddaa fi Dura Taa’aa TPLF, Dr Dabratsiyoon G/Mikaa’el gidduutti wal qoodinsi uumameera.

Gareen Dr Dabratsiyoon G/Mikaa’elii fi Fatilewarqi G/Igzaabiheriin gaggeeffamu ammoo waraana Kaaba Itoophiyaa gaggeefame hordofee beekamtiin paartichaa haqamee akka deebi’uu fi Kibxatarraa jalqabee ammoo korri paartichaa 14ffaa taa’amaa jira.

Gama biraan gareen bulchaan yeroo naannichaa Obbo Getaachoo Raddaa fi Pirofesar Kindiyaa jala jiran ammoo yeroo ammaa Korri paartichaa akka gaggeeffamu hin barbaadan.

Beekamtiin seeraa paartichaa akka deebi’uuf sanadoota Boordii Filannoo Itoophiyaaf akka galaniif gaafatamanii fi sanadoota dhiyaatan irratti gaaffii seeraa akka qaban kaasu.

Dursaan paartii TPLF sirna baninsa Kora paartichaarratti ‘’kora waggoota 49 keessatti yeroo 13 gaggeesinee fi wal gahii ariifachiisaa tokko taasisnerraa kan ammaa kun waan adda isa godhu qaba’’ jedhe.

Korri kun waggaa jaha booda kan waamame tahuu eeruun yeroo waraanni Tigiraay keessa ture uummanni Tigiraay rakkoo hedduuf saaxile keessatti gaggeeffamuu fi ‘’wal dhabdeen keessoo paartichaatti mudate akka malee hammaate keessa gaggeeffamuun isaa adda isa taasisa’’ jedhe.

Rakkoo guddaan seenaa paartichaa waggaa 50 keessatti mudatee hin beekne hoggansa koree gidduugaleessaa wagga jahan darban paarticha gaggeessan keessatti mudachuu kan ibse Dr Dabratsiyoon, ‘’hoggansa tortoraa’’ jechuun dubbate

Paartichi beekamtii qaama seerummaa akka hin argannee fi kora akka hin gaggeesine kan gufachiisanii fi ‘’keessoo keenyatti gareen badii wal horan jiraachuun rakkoo paarticha keessaa gara sadarkaa guddaatti akka ce’u taasisaniiru,’ jechuun ibse.

Share this on: