Lola Oromiyaa keessaa mariin furaa jechuun Ingiliziin dhaamsa dabarfatte

Ingiliziin lolli Oromiyaa keessatti adeemaa jiru xumura dhabuun akka ishee yaaddessu ibsite

Oromiyaa dirree waraanaa taasisuun waggoottan 6 oliif jeeqama keessa galchee kan jiru mootummaan Itoophiyaa naannichatti nageenya amansiisaa argamsiisuuf hojjechuu dhabuu isaan gaaga’amni namoomaa hamaa ta’e dhaqqabaa jira

Biyyoonni hedduun lola nannicha keessaan yaadda’uu himatan. Akkuma kana Ingiliziin gama ishee nageenyi naannoo Oromiyaa dhabamuun ishee yaaddessuu ibsiteetti. Marii hunda hirmaachise gaggeessuun gara nagaatti dhufamuu akka qabus gaafattee jirti

Ingiliziin Oromiyaa keessa rakkoon nageenyaa guddaan akka jiru ibsuun, haleellaan uummata nagaa irra gahu natti hin tolle jechuun, ambaasaaddar Taayyee Asqesilalaseetti himteetti.

Mootumaan Ingilizii kana kan ibsate karaa ministirii ministeera misooma idiil-aadunyaasaa kan ta’an aadde Anelisee Dodsi’n ture.

Minisirittiin jidduu kana hojiif gara Finfinnee wayita dhufanii turetti, dhimma dhibee nageenyaa Oromiyaafi naannoo Amhaaraa keessaa, akkasumas nagaan bahanii galuu dadhabuu uummata nagaa irratti yaaddoo biyyi isaanii qabdu kaasanii ministeera haajaa alaa Itoophiyaa Taayyee Asqesillaasee wajjin dubbataniiru.

Ministirittiin, warrri lolarra jiran hunduu dubbii qabbaneessanii, rakkoon jirtu marti karaa nagaafi marii hunda hirmaachisaa ta’een falli akka argamuu danda’u yadachiisaniiru jedha oduun dhagaahame. Akkas yoo ta’eefi, nageenyi akka jiraatuuf Ingiliziin fuuldurattis biyya kana akka gargaartu himameera.

Anelisee Dodsi, dhimma nagaafi tasgabbii Sumaaliyaa, Sudaaniifi Sudaan Kibbaa keessaa irratti Gamtaa Afrikaa wajjin erga marihatanii boodadha kan gara biyyaatti deebi’an.

Kun ta’us mootummaan Itoophiyaa gama nagaatti deema abdiin jedhu baay’ee laaffateera. Mootummaan humna qabu gara waraanaatti bobbaasuun inumaa lolaaf qophii ta’uu bakkeewwan hedduutti mul’isaa jira.

Loltuu biyyaa alatti milishaa hanga gandaatti leenjisuurraa qabee naannicha harka caalu waraana taasisuu irratti waan fuulleffataa hojjetaa jiru fakkaata.

Share this on:

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *