Salaaletti manneen barnootaa hedduun gubatanii barattoonni kuma 67 ol barnootaa dhaaban

Manneen barnootaa dhibbootaan lakkaa’aman Salaaletti mancaafamuu waajjirri barnootaa godinichaa hime

Godina Shawaa Kaabaa Salaaleetti manneen barnootaa 230 ta’an ibiddaan gubatanii mancaafamuu waajjirri barnootaa godinichaa hime. Kanaa alatti Manneen barnootaa 217 immoo otoo miidhaan irra hin gahin sababa rakkoo nageenyaan adeemsa baruu fi barsiisuu dhaabbachuu beeksise.

Gubachuu mana barumsaaf cufamuu isaarraa kan ka’e barattoonni kuma 67 barnootaa ala ta’uus ibse. Salaalee kutaalee Oromiyaa balaa waraanaa guddaa keessummeessaa turaniif ammallee waraanaan miidhamaa jirtu keessaa ishee tokko.

Bakkeewwan eerame kanatti gama barnootaa ala uummatni naannichaa qotachuuf makarachuu erga dadhabee waggoottan lakkoofsisaa jiraachuu himama. Naannichi daangaa naannoo Amaaraan kan wal daangessu ta’uun ammoo Faannoon naannichatti sochii akka taasisuu godheera.

Kanaanis Salaalee keessatti loltoonni Faannoo akkasuma kan mootummaa fi kanneen hannaaf bobbaafaman hedduun miidhama ulfaataa qaqqabsiisaa jiraachuu gabaasaan arganne hubachiiseera.

Naannoon Oromiyaa sirna baruuf barsiisuu isaa danqamuun waggoottan ja’aa ol kan darbe ta’uu gabaasaan arganne mirkaneessee jira.

Share this on:

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *