Hanna namaa magaalaa Naqamteetti yaaddoo uume

Hanni namaa magaalotaaf baadiyyaa Oromiyaa keessatti yaaddoo olaanaa uume

ODM: Fulbaana 2,2024

Magaalota Oromiyaa hedduu keessatti hanni waan haaraa miti. Inumaa hanni halkanii mana cabsuun meeshaalee mana keessaaf maallaqa hatuun hangas mara haaraa hin turre.

Bara kana garuu hanni halkan osoo namni rafuu taasifamu kun haalaaf bifa geddarateera. Dur hattuun mana yoo cabse meeshaa elektirooniksiif maallaqa adamsa. Hanna waggoota dhiyoo as dhufeen garuu ilma namaatu hatama.

Halkan mana cabsee itti seenee abbaa warraa fudhatee baha. Dukkanuma sanaan gara bosonaatti fudhatee kuta. Achiis maallaqa kuma dhibbootaa hanga miliyoonotaatti gaafata.

Hanni akkanaaf saaxilamoo kan ta’an jiraattota magaalaa Naqamteef naannaawaa isaaf akkaan yaachisaa ta’uu maddeen himu. Amma namuu waan hirriba qabu hin fakkaatu jedhame.

Naannawaa magaalaa Naqamteef magaalicha keessaa halkan nama hatanii bahuun waggoota sadii as hammaataa ta’eera. Nama hatanii adeeman kana gara bosonaa geessanii maallaqa gaafatu.

Yoo ollaaf maatiin maallaqa jedhame san kaffalaniin ala hin gadhiisan. Maallaqa gaafatame kaffaluu yoo dadhabe nii ajjeefama.

Hanni kun eenyuun akka adeemsifamu mirkanaa’aa ta’uu baatus hawwaasni Milishaa mootummaarraa qabee namoota hidhannoon socho’an shakka. Qaamni Hanna kana raawwatu akkaan of ijaaraa kan ta’eef hidhannoo guutuun kan socho’u ta’uu namoota hatamanii deebi’anii galan irraa mirkaneeffachuun danda’ameera.

Akka maddeen tokko tokko jedhanitti taanaan mootummaa dhumatu maqa balleessii waraana Bilisummaa Oromoof jecha naannichatti gartuu saamichaa ijaaree akkas godha kan jedhanis jiru. Kanneen durumaa dargaggoota hannaan beekamantu ijaaramee nu dararaa jira jedhanis danuudha.

Kanneen yakka kana raawwatan afaan Oromoo akka dubbatan, akkasuma baayyatanii akka socho’an illee himama.

Haalli kun garuu jireenya uummataaf yaaddoo olaanaaf yaachisaa ta’uu isaa hawwaasni irra deddeebiin himata.

Magaalaa Naqamtee keessaa bakkeewwan miidhama kanaaf saxilamoo ta’an gandoota moggaarra jiran ta’uu himama. Gandootni akka Soorgaa, Booqee, Qassoo, Naannoo Kumsaa, Ganda Gaarii kan jedhaman bakkeewwan hanni namaa itti hammaataa jirudha jedhame.

Sodaa hatamuu kanaaf namni hirriba hin qabu, nagaas dhabeera jedha gabaasni arganne

Share this on:

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *