Waraana Baha Afrikaatti ulfaa’ee dhalachuuf jedhurraa hanga ammaa maal quba qabna?

Waraanni Baha Afrikaatti banamuu malaa?

ODM: Fulbaana 3,2024

Baha Afrikaatti dhibdeen erga eegalee bubbulullee kan miilanaa sadarkaa hammaataatti adeemaa waan jiru fakkaata. Naannichatti fedhiin addunyaa olka’aa ta’uun sadarkaa dhibdee hammeesseera. Biyyoonni Baha Afrikaa gurmuu gurmuun wal atakaruun ammoo inumaa rakkinichi wal xaxaa akka ta’u taasisaa jira.

Baruma kana baatii Amajjii 2024 keessa Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuun qaba malee jechuun murteessuun Somaaliilaand faana walii galtee tolfatte.

Walii Galtee sanaan Itoophiyaan handaara galaanaa yoo argattu Somaliiland ammoo beekamtii biyyummaa akka gonfattu akeekame. Kun Somaaliyaa fi Itoophiyaan akka wal dhaban taasise.

Sanaan duratti ammoo hidha Abbayyaa Itoophiyaan waggoota kudhanii oliif itti jirtu Misir mufachiisuun kan yaadatamudha. Misir Abbayya wiirtuu jireenya lammiilee kooti, hidha kana Itoophiyaan jalqabsiisuun lagni Naayil kan nuti Abbayya jennuun akka hir’atu taasisa jechuun mormaa turte.

Rakkoo kana furuufis Ameerikaa dabalatee biyyoonni addunyaa yeroo hedduu jaarsummaa ta’anii furuu hin dandeenye. Haalli kun akka Misir haaloo kuufachuun Itoophiyaan wal dhabbii qabdu jabeessitu taasise.

Kanaanis harka ishee dheeressuun Sudaan xuxxuqxee kakaasuun akka dhimmichi ol guddatu taasifte. Yeroo kanatti Sudaanis bishaan Abbayyaa kan ishee keessa qaxxaamuree darbu Itoophiyaan hidhuutti mormii eegalte.

Dhimmi hidha Abbayyaa yeroo kana Itoophiyaaf biyyoota lama diinomsuu danda’uusaati.

Kun ta’ee Eertiraa fi Itoophiyaan jaalala gaggabsaa waggaa ja’a dura keessa seenan, galaana isaa daakanii gomjii bahuun sadarkaa wal atakaruuf wal dhabuutti ce’an.

Yeroo ammaa kana Baha Afrikaarraa michuu amanamaa kan hin qabne Itoophiyaan hariiroo ishee biyyoota akka Somaliiland fi Arab Emirates waliin tolfachuuf dirqamte.

Ijipti, Somaliyaa, Eertiraa, Misirii fi Sudaan gartokko waan jiran fakkaatu. Ta’us Sudaan ofii isheefuu rakkoo keessoon raafama hamaa keessa waan jirtuuf dhimma sardamsaa Somaaliyaa fi Itoophiyaa walitti buusaa jiru itti seenti yaadni jedhu hangas guddaa miti.

Haala kana keessatti lammiileen Somaaliyaa Woliigaltee Woraanaa  Somaaliyaafi Ijiptii Itoophiyaa woraanuuf wolii galanirratti mormii gaggeessaa jirus jedhama.

Mootummaan Somaaliyaafi Ijiptii wolte’uun Itoophiyaan Woraanuuf kan jedhu lammiilee biyyattii hedduu biratti akka hin fudhatamne haasa’ama

Lammiileen Somaaliyaafi miseensa Paarlamaa biyyattii tokko Somaaliyaan hojii diinummaa akkasii Itoophiyarratti hojjachuu hadheefatanii balaleeffataa jiraachuu CGTN gabaaseera.
Miseensa Paarlamaa biyyattii tokko sababuma Somaaliyaan Itoophiyaa ganuun Salphinna jedhaniif hojiirra gaggeeffamaniiru.

Lammiileen Somaaliyaa Alaabaa Itoophiyaa Mirmirsaa deggarsa Mootummaa Itoophiyaaf qaban muldhisuu karaa Mormiitiin mirkaneessaniiru.

Biyyi Waggoottaan 17 darraniif nageenna Somaaliyaaf aarsaa olaanaa kaffalaa turte Itoophiyaanille dhimma kana caldhisee hin ilaalu jechuu ibsa baasuun ni yaadatamaa.
Mootummaan Ijipti ka Abdu fattaa al siisiin durfamu Woraanaa isaa ka takkaa Somaaliyaa keessa ejjatee hin beekne gara kuma 10tti siquufi helikooptara woraanaa lama Moqadishoo galchuun bahi Afrikaa nageya dhabeen sodaatamaa turuulle faallaa isaa kana te’uun waan hin oolle fakkaataa.

Ameerikaan Woraana isii gara Somaalilaandiitti erguun ijoo Miidiyaalee te’eera.
Morookoon ammoo fedhii dhuunfaa isiitiif Itoophiyaa akka deegartuu himtii.

Gamtaan Emireetora Arabaaa ammoo meeshaalee woraana jajjaboo biyyoonni guddatan akka Ameerikaaf Raashiyaa ittiin beekamaniin tilmaamaan doolara biliyoona sad ta’uun Itoophiyaa tumsuuf qophii ta’uu mirkaaneessitee jiraachuun maddeen biyyattii gabaasaniiru.

Gama biraatiin dubbi Itoophiyaan ulaa galaanaa tolaafi dirqamanille akka argattuuf Mootummaa Israa’elii duuba jiraachuu icciitii kana Miidiyaalee arabaa baasaniiru.

Somaaliyaan biramadummaa biyyakoo karaa naa danda’ameen mirkaneeffachuu wanti na dhorku hin jiru jetti. Itoophiyaan ammoo dubbii kana callisaan hin ilaalu jechuun deebuu laatte. Misir gama isheen dhimma hidha Abbayyaan wal qabatee adeemsa Itoophiyaan itti jirtu dura dhaabbachuuf qophaa’uu ibsite.

Share this on:

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *