Gaanfa Afrikaatti ergamaan adda Ameerikaa Itoophiyaatti imalea

Ameerikaan gaanfa Afrikaatti ergamaa addaa ishee erguuf akka jirtu karaa ministira dhimma alaa ishee ibsite

ODM: Fulbaana 4,2024

Kaaba Itoophiyaa keessatti waraana waggaa 2 ol ture kan xumura itti godhe dhimma waliigaltee Piritooriyaa mari’achuuf ergamaan Addaa Ameerikaa Itoophiyaatti imaluu ibsameera

Gaanfa Afrikaatti Ergamaa Addaa Ameerikaa Maayk Haamar imala hojii Fulbaana 03 hanga 13, 2024 tti gara biyyoota hedduu taasisuun dhimma Waliigaltee Piriitooriyaarratti mari’achuuf gara Itoophiyaa ni imala jedhame.

Ibsi Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa baase akka agarsiisutti, Ambaasaaddar Maayk Haamar hojiirra oolmaa Waliigaltee Piriitooriyaa ni gulaala jedhe.

“Ameerikaan mootummaa Itoophiyaafi Bulchiinsa Yeroo Tigraay deeggaruuf kutannoo qabdu itti fufti,” jechuunis ibsa kanaan eerame

Gargaarsi kuni “loltoota duraanii hidhannoo hiikkachiisuu, bittinneessuufi hawaasatti makuu karaa nagaa qabeessaafi seera-qabeessa ta’een buqqaatota qe’eetti deebisuufi haqa ce’umsaafi itti gaafatammmaa mirkaneessuu” of keessatti hammata.

Kana malees, ergamaan kuni akkaataa rakkoon nageenyaa naannolee Oromiyaafi Amaaraa ittiin hiikamurratti qondaalota mootummaa waliin ni mari’ata jedhamee eegama.

Ambaasaaddarri kuni aanga’oota Gamtaa Awurooppaa waliin mari’achuuf gara biyyoota Biraaseelsiifi Beeljiyeemii ni imala jedhameera. Akkasumas, haala siyaasa Keeniyaarratti ni mari’ata ta’a.

Daawwannaan Haamar taasisu kuni waldhabdeen dura taa’aa Adda Bilisummaa Ummata Tigraay (ABUT) DabaraTsiyoon G/Mikaa’eeliifi Pireezidaantii Bulchiinsa Yeroo Tigraay Geetaachoo Raddaa gidduutti yeroo uumame kanattiidha.

Rakkoo qaamolee Tigraay keessatti wal dhabanii furuuf tibba darbe Ameerikaan Ambaasaaddara Ervin Masingaa gara Tigiraay ergitee turuun nii yaadatama

Share this on:

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *