Hogganoonni ABO yeroo dheeraaf mana hidhaa turan hiikaman

Hogganoonni ABO waggootaaf mana hidhaa turan kaleessa hiikamuun isaanii himame

Hoogganootnii fi Qondaalotni ABO murtii seeraa malee murtoo dabaan ganna 3 hanga 5tti hidhamanii manneen hidhaa garagaraa keessatti hiraarfamaa turan lakkoofsaan 7 tahan kaleessa Fulbaana 05, 2024 galgala hiikaman.

Hoogganootnii fi Qondaalonni ABO manneen hidhaa keessatti hiraarfamaa turan kunneen:
1. Abdii Raggaasaa
2. Mikaa’el Booran
3. Kennaasaa Ayyaanaa
4. Dr.Gadaa Oljirraa
5. Daawwit Abdataa
6. Lammii Beenyaa
7. Gadaa Gabbisaa

Hogganootnii fi qondaalotni ABO kunniin seeraan alaa hidhaa keessa jiraachuu isaanii qaamotni garagaraa kan akka Komishinii Mirgoota Namoomaa Itophiyaa, Boordii Filannoo Biyyoolessaa Itoophiyaa, Manneen Murtii kan sadarkaa adda addaa, jaarmotni namoomaa fi kkf yeroo garagaraatti ibsa baasaniin yakka irraa bilisa ta’uu isaanii mirkaneessuun gadhiifamuu akka qaban wawwaataa turaniiru. Mootummaan PP garuu hanga guyyaa kaleessaatti haqa isaanii irra taa’ee hidhaa keessatti hiraarsaa turee Fulbaana 05, 2024 mirga wabiin gadi lakkiseera.

Waggoota hanga kana badii malee nama dararuun yakka kanneen jedhan fayyadamtoonni miidiyaa hawwaasaa hedduun mootummaan gaafatama fudhachuu akka qabu ibsatan.

Hogganooti kunneen mana hidhaarraa hiikamuutti hawwaasni Oromoo alaaf keessaa gammachuu qabu agarsiiseera.

ABO WBO’n mana hidhaarraa hiikamuu hogganootaaf qondaalota ABO ilaalchisuun ibsa laateen ergaa baga nagaan baatanii dabarseeraaf.

Mana hidhaarraa hiikamuu isaaniif bu’aan qabsoo bilisummaa Oromoo alaaf keessaa taasifame bu’uura akka ta’es caqase.

Ajajani olaanaa ABO-WBO ibsa kaleessa baaseen murtoon siyaasaa Biltsiginnaan fudhatame kun akkamitti akka hubatamuu qabuufi sababoota ijoo Biltsiginnaa dirqan jechuun qabxiilee 5 tarreessee caqase.

Jalqaba irratti qabxii laateen murtoon siyaasaa kun “hoggana ABO hidhaa irraa baase” jechuun dogoggora. Hoogganni siyaasaa kun funyoon hidhaa dheerefameef malee ammayyuu to´annaa Biltsiginnaa jala jiru jedhe.

Deebi`anii hidhamuu dandahu; nageenya isaaniif wabiin hin jiru kan jedhe ajajaan olaanaa ABO WBO, Hogganoonni KFO waggaa lama dura bahan biyya jiraachuu hin dandeenye jechuun akka fakkeenyaatti dhiyeesse.

Rakkoo guddaan hidhaan booda jiraachuu kan caqase ibsi ajajaa olaanaa ABO WBO kun; obbo Battee Urgeessaa mana hidhaarraa si baafne erga jedhanii booda rasaasaan reebanii ajjeesan jechuun ibse.

Qabxii lammaffaa irratti ammoo hoogganni siyaasaa kun yakka tokko malee ejjaannoo siyaasaa qabataniin qofa hidhaman. Kumaatamoota ammallee kan hidhaa jiran dabalatee, yaakka isaan irratti raawwatameef Biltsiginnaan gaafatama guutuu fudhata. Seeraanis, seenaanis yeroo isaa eeggatee ni gaafatama jedhee jira.

Ganna afur dura yeroo hoogganni kun hidhaman, ABO fi KFOn, walumaa gala hawaasni siyaasaa Oromoo karaa nagaa Biltsiginnaa mormu, carraa humna jabaa ijaaruu qabaachaa ture kan jedhe ABO WBO’n qabxii sadaffaa laate kana keessatti; ABOn wajjira tokko qabaatee akka hin soochone taasifamee jira jedhe Kanaaf, ammatti hidhuu fi dhiisuun dhiibbaan siyaasaa Biltsiginnaa irraan gahu hin jiru tuffii jedhuun murtoo murtaahe dha jechuun ibsee jira.

Itti fufuun afuraffaa jechuun ibsa kenne keessatti Waraanni Biltsiginnaa keessaanis ta’e diidan dhipina guddaa keessa seeneera. Kanaaf, Oromootti “hoggana kee sii hiikne, nu walliiin dhaabbadhu” ergaa jedhu dabarsuun, dargageessaa Oromoo irbaata qawwee gochuuf murtoo murtaahe dha jechuun hangas mara kan nama hin gammachiifne akka ta’e eere

Dhuma irratti kan jedhe Ajajni olaanaan ABO-WBO, sababa kanaan namoonni Biltsiginnaa galateeffachuu isin kajeelchisu “borus sababa tokko malee na hidhi, gaafa na gadhiifte sirbeen galata siif galcha” jechaa akka jirtan isin hubachiisuu feena jechuun ibsa isaa goolabe.

Share this on:

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *