Qabxiin qormaata kutaa 12ffaa gadi bu’uu isaaf eenyu komatama?

Ministeera barnootaa qofa osoo hin taane barataanis kufaatii ammaaf gahee akka qabu eerama

ODM: Fulbaana 9,2024

 

Bara kana barattoota qorumsa biyyoolessaa kutaa 12ffaa fudhatan dhibbantaa 5 qofa darbe jedhame.

 

Firiin Qormaata Biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2016 har’a ifoome kanaa akka biyyaatti barattoota qormaata biyyaalessaa kana fudhatan kuma 684 fi 205 keessa barattoonni kumni 36 fi 409 qofti darbuu Ministeerri barnootaa ifoomseera.

Naannoo Oromiyaatti barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2016 fudhatan kuma 200 fi kuma 46 ol keessaa barattoota kuma 8 fi 520 qofatu darbe jedhame.

Akka biyyatti Manneen barnootaa kumni 1 fi 363 barataa tokkooyyuu kan hin dabarsine yoo ta’u, naannoo Oromiyaatti ammoo manneen barnootaa 553 barataa tokkooyyuu hin dabarsine jedhameera.

Sababoota kufaatii barataa kutaa 12ffa namuu akka akka yaada isaatti ibsataa jira. Fayyadamtoonni miidiyaa hawwaasaa kanneen barataa komatan jiru.

Isaan kufaatii 12ffaaf barataa komatan barataan dubbisuu laaffisuu isaa eeru. Inumaa fayyadama miidiyaa hawwaasaa Tiktok, Facebook, Telegram fi kkf barataan irra oolu dubbisuu dhiise jedhanii komatu.

Barataan miidiyaa hawwaasaarratti of gatee qayyabannaa dhiise jechuun qeeqan. Inumaa haalli dubbisuu dur tureef ammaa baay’ee wal irraa fagoo ta’uu caqasu. Barattoonni ammaa miidiyaa hawwaasaa fayyadamuu yoo baran waan hunda akka beekanitti of ilaalanii dagataniiru jedhan

Hedduun namoota ammoo Ministira barnootaa addatti Buraanuu Naggaa qeeqaa jira. Mootummaan itti yaadee barataa kuffisaa jira. Barataa gara waraanaatti affeerrachuuf miira abdii kutannaa keessa seensisuuf kana taasise jedhan.

Kitaabilee barnoota barreessuun beekamtii kan qabu hayyuun Oromoo Hinseenee Makuriyaa fuula miidiyaa dhuunfaa isaanii karaa Facebook dhimma kanarratti yaada kennaniin hanqina kufaatii qabxii barattootaa hogganoota bira ta’uu eeru.

Inumaa barsiisaan waan isa hin ilaallanne gosa ittiin eebbifamee baheen ala barsiisuun rakkoowwan kanaaf sababa akka ta’etti eeran. Kufaatii barataa ammaatiifis qindeessitootaaf gaggeessitoota biiroo barnootaa qeeqan.

Akkasuma Gaarii Caalii kan jedhamu yeoo hedduu barreeffamoota roga qabaniif ragaa qabatamaa irratti hundaa’an katabuun miidiyaa hawwaasaa kanarratti beekamtii kan qabu rakkoo kufaatii barataaf barataa mataa isaa ta’uu eere.

“Dhaloonni tiktok hojjechuuf dabatara dhiisee smart phone baatee mana barumsaa jala wal yaabaa oolu, kan daree barnootaa keessa yooman bahee galee tiktok hojjedha jedhu, kan meekaappii uffatee akka nama hojii deemuutti iskiriinii moobayilaa keessatti of ilaalaa oolu gaaffii qormaataa deebisuu dhiisiti baay’ina ilkaan isaa utuu gaafatte siif hin deebisu” jechuun barattoota ammaa qeeqa.

Barataan yoo miidiyaa hawwaasaa irraa hin buune rakkoon kun kan caaluun itti fufuu akka danda’u caqasa.

Gaazixeessaa OMN kan ta’e Guyyoo Waariyoo dhimma kanarratti yaada gabaabduu bifa ajaa’ibsiifannaa qofaan dabarfate. “Waan dabaati!” Jechuun dhimmichi hangam akka isa gaddisiise ibsate.

Share this on:

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *