Dubbiin Jeneraal Biraanuu Julaa rakkoo naannichaa hammeessa jedhe ABBO’n

Dubbiin tibba darbe Fiild Maarshaal Biraanuu Juulaan taasifame ABBO dheekkamsiise.

Tibba darbe haasaan Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan taasifame kan ishee dhukkubse Addi Bilisumama Biyyoolessa Ogaadeniyaa ibsa baaseen dhimmichi akka qulqulla’uu gaafate.

Itaamaajoor Shuumii Biiraanuu Juulaa haasaa isaan “Ijiptiin diina Itoophiyaa ta’uu dubbachuun, booda ABUT, ABO fi ABBO kan hundeesse Ijiptidha jechuun ibsee ture. “Amma ammoo Shanee fi Faannoo deggartee nageenya Itoophiyaa booreessaa jirti” jechuunis dabalee dubbatee ture.

Haasaan kun faallaa waliigaltee mootummaa Itoophiyaa fi ABBO ta’uu kan eere Addi Bilisummaa Biyyoolessa Ogaadeniyaa dhugumaan dubbii kana Biraanuu Juulaa dubbate taanaan nageenya biyyattiif balaa guddaa ta’uu caqase.

Itaamaajoor shuumii waraana Ittophiyaa fiildimaarshaal jeneraal Biraanuu Julaatu dubbate jedhamee waan marsariitii irra deddeemaa jiru naaf haa qulqullaa’u jechuun Addi Bilisummaa Biyyoolessa Ogaadeniyaa ibsa gaafateera.

Dubbiin taasifame waan bu’uura hin qabnee fi kijiba adii, bilisummaa dhaabichaa irratti kan xiyyeeffatee fi, adeemsa nagaa mootummaa wajjin walii-galle booressuuf kan yaalame dha jechuun cimsee balaaleffateera.

Dhugummaa haasa’aa sanaa mootummaan akka qulqulleessuu fi, dhugaa yoo fiildimaarshaal jeneraal Biraanuu Julaatu dubbate ta’ee argame; mootummaan waan badii akkasii irraa of-fageessee ifatti akka balaaleffatuuf gaafateera.

Kana gochuu yoobaate, mootummaanis seera qabeessummaa ABBO irratti akka hin amanneetti waan fudhannuuf, adeemsa nageenyaa irratti balaa akka fiduu danda’u ammumaa beekamuu qaba jechuun dhaabichi beeksiseera.

Warri kaan maqaan isaani achi keessatti eeraman garuu, haga yoonaatti ifatti dubbicha irratti waan jedhan hin dhgaahamne. Sagalee dhagaahame sana irratti RIB’s dhugummaa fi dharummaa isaa irratti deebiin kenname yoo jiraate haga oduun kun qophaa’etti nuti hin dhageenye.

Baruma kana seensa baatii Amajjii keessa Waliigaltee ulaa galaanaa Itoophiyaaf Somaaliilaand taasisuun booda gaanfa Afrikaatti muddamni hammaateera. Misir sababa hidha Abbayyaa Itoophiyaa waliin dhibdee qabdu san keessa dhimma bahuun rakkoo gaanfa Afrikaatti dhalatetti harka seensifteetti. Loltoota hedduu kuma kudhaniin lakkaa’amanis gara Somaaliyaa akka qubsiiftee jirtu himama.

Share this on:

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *