Ameerikaan dhibdee Somaaliyaa fi Itoophiyaa keessa seenteey?

Rakkoon Somaaliyaa fi Itoophiyaa gidduu hammaataatuma deemuun biyyoonni lamaan waan wal aarsu dubbachuu jabeessaniiru.

Gaanfa Afrikaatti jeeqama guddaa keessa kan jiran Itoophiyaa fi Somaaliyaan wal doorsisuu hammeessaniiru.

Deggarsa waraana biyyoota alaan kan jiraattu Somaaliyaan kanneen humna mootummaa Itoophiyaa faana wal waraanaa jiran riphe loltoota akka WBO, Faannoo fi ONLF tumsuuf duuba akka hin jenne miidiyaa qabduun gabaasaa jirti.

Dubbii Somaaliyaan riphe loltoota biyyattiin tumsa jette kun Itoophiyaa dheekkamsiise

Somaaliyaan waliigaltee ulaa galaanaa Itoophiyaan bulchiinsa Somaalilaand waliin mallatteessite yoo ittifufte “Riphe loltoota Itoophiyaa keessa jiran nan deeggara” jechuun miidiyaalee qabduun ibsuu ishee balaaleffachuun Itoophiyaan deebii kenniteetti

Gama Somaaliyaa dubbii kana ka dubbate Ministira Dhimma Alaa Somaaliyaa Ahimad Mowaalim Fiiqidha. ‘’riphe loltoota Itoophiyaa keessa jiran kanneen mootummaa Itoophiyaa lolaa jiran qunnamuun filmaata Somaaliyaan qabdudha, balbala banaa nuuf ta’edha,’’ jechuun xumura torban kana miidiyaa biyyattii Yunivarsaal TV’tti dubbatani.

Dubbii aangawaa Somaaliyaa kuni erga dhagahamee booda aangawaan Itoophiyaa dubbii kana cimsanii qeeqaniiru.

Gamtaa Afrikaafi Komishinii Dinagdee Afrikaa UN’tti bakka bu’aa itti aanaa Itoophiyaa kan ta’an Ambaasaaddar Nabiyyuu Tadlaa miidiyaa hawwaasaa Tiwitera isaaniirratti akkana jedhan;

‘’Ergamtoonni al-Shabaab qondaala mootummaa fakkaatanii mul’ataniifi Bulchiinsa Banaadir naannawa Moqadiishoo biraa fagaatanii hojjechuu hin dandeenye, sabboonummaa bu’uura hin qabneen guutamanii yoo dubbatan arguun baay’uma nama kofalsiisa.’’ jedhan

Itoophiyaan waliigaltee ulaa galaanaa bulchiinsa Somaalilaand beekamtii idil-addunyaa hin qabne waliin mallatteessuun ishee Somaaliyaa waliin walitti ishee buuseera.

Somaaliyaan Somaalilaandiin akka qaama isheetti ilaalti. Ta’us, yeroon isaa hin geenye jedhan Turkitti muddama Itoophiyaafi Somaaliyaa tasgabbeessuuf marii marsaa lamaaf adeemaa tureerratti kan hirmaataa turan Ahimad Mowaalim Fiqiin.

”Sadarkaa sana hin geenye, furmaatni akka argamu abdiin jira. ..Isaan hidhattoota quunnamuun, deeggaruun, biraa dhaabachuun waan sirriidha.

”Kun kan ta’u yeroo diinummaa isaanii itti fufaniifi waliigaltee jedhan yoo hojiirra oolchanidha,’’ jechuun dubbatani.

Kun ta’ee mootummaan Ameerikaa humna waraanaa Masirii jabeessuuf doolaara biliyoona 1.3 tahu kennuuf murteessuu Ministirri Dhimma Alaa US, Antoonii Biliinken himaniiru

Kunis kan dhagahame yeroo Masiriin qaama nagaa kabachiisaa Gamtaa Afrikaa gochuudhaan waraanashee Somaaliyaatti bobbaasuu dandeessi jedhamuun oduun dhagahamuun naannichatti jeequmsi biraa ka’a jedhamee sodaatamettiidha.

Garuu Ameerikaan michuushee yeroo dheeraa Masiriif deeggarsa akkasaa yoo taasiftu kun kan jalqabaa miti.

Biyyoonni lameen hariiroo jabaa waggoota 200 ol lakkoofsise qabu. Masiriin hanga ammaa deeggarsa waraanaa doolaara biliyoona 50 tahu Ameerikaa irraa argateetti.

Fedhii biyyaalessaa Gidduugala Bahaa keessaa qabdu galmaan ga’uufi shororkeesummaa waraanuu irratti Masiriin michuu US jabduudha.

Yeroo marii Hidha Haaromsa Itoophiyaa ilaalchisuun jaarsummummaan gidduu seentee turtetti Ameerikaan Masiriif loogdi jechuun Itoophiyaan himataa turte.

Amma ammoo yeroo Itoophiyaa fi Masiriin bobbii waraanaa nagaa kabachiisaa Somaaliyaa keessaa ilaalchisee wal dura dhaabbataa jiran kanatti deeggarsi waraanaa guutuun doolara biliyoona 1.3 ta’u Masiriif kennamuu tibbana ajandaa miidiyaa hawwaasaa taheera.

Dabalataan Ministirri Dhimma Alaafi Hogganaan Tajaajila Tikaa Masrii Asmaraatti imaluun Isaayyaas Afawarqiitti waliin mari’achuun isaanii gabaafameera

Aangawoonni olaanoo Masrii ergaa haala nageenyaafi siyaasaa naannawa Gaanfa Afrikaa ibsu akkasumas hariiroo lamaan cimsu ilaallatu Pirezidantii Ertiraaf kennuutu ibsame.

Mariifi imalli aangawoota Masrii kan Itoophiyaa waliin muddama keessa jiranii yeroo Gaanfa Afrikaatti muddamni cimee jirutti mudate.

Aangawoonni Masrii Ministira Dhimma Alaa Baadir Abdallaatii fi Hogganaa Tajaajila Tikaa Waliigalaa Abbaas Kaamelidha.

Imala isaanii ilaalchisee ibsi Masriidhaa bahe akka jedhetti, marii Pirezidantii Ertiraa waliin taasisaniin sochii Galaana Diimaarratti taasifamu, akkasumas nageenyaafi tasgabbii Gaanfa Afrikaarratti mari’ataniiru jedhame.

Ministirri Odeeffannoo Ertiraa Obbo Yamaana G/Masqal aangawoonni olaanoo Masrii ALI Fulbaana 04, 2017 Sambata waaree booda Pirezidantii Ertiraa waliin wal arguun dhimma waloofi naannawichaarratti mariyachuusaanii X gubbaatti barreessan.

Qaamoleen lamaan ‘’dhimmoota ijoo isaan ilaallatu keessumaa Sudaan, Somaaliyaafi taatewwan waqtawaa naannawa Galaana Diimaa mul’ataa jiran jabeessanii’’ mari’achuu isaanii ibsan.

Haalli qaamota Itoophiyaan wal dhabdee keessa jiran itti of ijaaraa jiran naannichatti tooftaa olaantummaa argachuu dandeessisu ta’uu isaa namoota hedduun himaa jiran.

Gaanfa Afrikaa fedhii idil addunyaa ta’uun waraana ni ka’a jedhamee sodaatamu kallattiif al kallattiin timsuu irraa duubatti akka hin jenne taasisa.

Share this on:

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *