Libaanos keessatti Raadiyoon qunnamtii loltoota Hisboollaa ergaan takkaa dhohuun namoota hedduu ajjeese

Raadiyoon qunnamtii dhohee miseensota Hezbollaa heddurra miidhan geenyan Hezbollaan Israa’el himate

Libaanos keessatti raadiyoon qunnamtii dhohee miseensota Hezbollaa heddurra miidhaan gahe, namoota sagal ammoo ajjeese.

Kanneen du’an keessaa daa’imni keessatti argamti. Raadiyoon qunnamtii kun miseensonni garee hidhattoota Hezbollaa qunnamtiif kan ittifayyadaman yoo ta’u, meeshaan qunnamtii kun guutummaa Libaanos keessatti al-tokkotti dhohuu Ministiirri Fayyaa biyyattii beeksise.

Haleellaan kun Kibxata kaleessaa Fulbaana 17, 2024 magaalaa guddoo Libaanus, Beeruut fi kutaalee biyyattii hedduu keessatti akka lakkoofsa biyya sanaatti sa’aatii 9:45 irratti mudate.

Battaluma wayita kiisii (giphii) namootaa keessaa aarri hurkuu jalqabu kanneen ijaan argan viidiyoo waraabaniiru.

Taateewwan akkasii erga mudatanii yeroo muraasa booda wayita giddugala gabaa keessatti dhohiinsi mudatu viidiyoon agarsiisa.

Viidiyoo CCTV dhaan waraabame tokko keessatti meeshaan kiisii namaa keessaa sagalee dhukaasaa kan fakkaatu dhageessisuun achumaan namuu wayita kufu mul’ata.

Dhohiinsi akkanaa haala walfakkaatuun sa’aatii tokkoo oliif akka mudate Rooyitarsi gabaaseera

Meeshan qunnamtii kun dhohee namoota 2,800 miidhaman Libaanositti ambaasaaddarri Iraan keessatti argama.

Dhohiinsa meeshaa qunnamtii kanaan miseensonni isaa 8 du’uu Hezbollaan amanee Israa’elitti quba qabuun haaloo akka bahu dhaadate.

Raadiyoon qunnamtii guutummaa Libaanos keessatti osoo hin dhohin sa’aatii muraasa dura kaabineen Israa’el haleellaa gareen Hezbollaa karaa Kaaba Israa’el gaggeessu dhaabsisuun namoota qe’eesaanirraa buqqa’an deebisuun akka barbaachisu dubbataa ture.

Dhohiinsi meeshaa qunnamtii kanarratti mudatee osoo hin turin xiinxaltoonni yaada kennuu eegalan. Gariin sirni oppireeshinii meeshaa kanaa butame jedhu.

Qaamni akkaan muuxannoo qabu meeshaa kana erga butee booda baatiriin akka ho’ee dhohu godheera jechuun kan yaada kennan jiru.

Ogeeyyii hedduun garuu kun ta’uu hin danda’u jedhu, sababni ammoo dhohiinsi bakka bakkatti mudate hundinuu baatiriin ho’uun kan walqabatu miti jedhan.

Gareen xiinxaltootaa kaan ammoo adeemsa dhiyeessii meeshaa kanaarratti balaan mudachuu hin hafne jedhu, rakkoon kun meeshaama kana waliin oomishamuu danda’a yookiin ammoo wayita dangaa ce’ee dhufu itti godhamuu danda’a jedhu.

Biyyoonni addunyaa tokko tokko haleellaa Libaanos irratti raawwatame irratti yaada kennaa jiru.

Dubbi himtuun Ministeera Dhimma Alaa Raashiyaa haleellaan Kibxata kaleessaa Libaanos ”michuu” biyyasaanii keessatti raawwatame ”seera idil-addunyaa irratti qormaata guddaa kan bakka bu’u” jette.

Maariyaa Zakaaroovaan itti dabaluudhaan, “qindeessitoonni haleellaa teeknooloojii olaanaa kanaattis itti yaaduudhaan waldhabdee hidhannoo Baha Giddugaleessaa keessatti waraana guddaa kakaasuuf barbaadu kan raawwatameedha” jetteetti.

Bakka biraattis pirezdaantiin Tarkii Risiip Taayip Erdogaan, haleellaa kanaan gadda isaanitti dhagahame wayita ministira muummee Libaanos, Najib Mikaatii waliin bilbilaan dubbattaniitti ibsu isaanii, dhaabbanni oduu mootummaa Tarkii Anaadoluun gabaaseera.

Ittaanaan ministira muummee, Ayirlaand dhohinsi raawwatame kun kan waliigaltee Jenevaa cabse akka ta’eetti akka ilaalan dubbatan.

“Kun waraana bifa haaraati, waa’ee isaas garmalee yaadda’uu fi yaaddoo qabaachuu qabna jedheen yaada. Hawaasni addunyaas maalummaa haleellaa kanaa irratti xiinxaluu qaba,” jechuun ture Mikaa’el Maartiin kan Dabliin keessatti gaazexessitootaatti himan.

Israa’elifi Hamaas gidduutti lolli erga eegalee kaasee Hezbollaan Hamaas irra goruun ji’oota 11 darabaniif Israa’el wajjin wal-loluutti jira.

Share this on:

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *