Ayyaanni Irreechaa biyya alaa fi biyya keenyatti kabajamuu eegalee

Irreechi birraa biyya keessaaf biyyoota alaatti kabajamuu eegalee jira.

Uummatni Oromoo biyya alaaf keessatti ayyaana irreechaa kabajuu eegaluu gabaasaan argaman mirkaneessaniiru.

Hawwaasni Oromoo biyya alaa jiraatan bakkeewwan adda addaatti ayyaana irreecha Birraa kabajaa jiraachuu barame.

Biyya Ameerikaa Poortilaanditti ayyaanni Irreechaa Oromoota naannaawaa san jiraataniin bifa hawwataaf miidhagaa ta’een kabajamuu isaa baramee jira.

Ayyaanicha irratti manguddoonni, haawwonni qeerroo fi qarreen huccuu aadaatiin faayamanii argamuun ayyaanicha miidhaagsani jiraachuu ibsame.

Osoo malkaa bu’anii hin irreeffatin kan waldhabe yoo jiraate dhiifama waliif godhuu akka qaban manguddoonni dursanii ifoomsanii ergasiin booda ayyaanichaa kka kabajan dhagaa’ame.

Ayyaanicha miidhagaa kan taasisa keessaa tokko Hirmaattonni ayyaanichaa shubbisaa fi dhiichisaanis dabaalanii dabarsuu odeeffannee jirra.

Akkuma kana hawaasni Oromoo biyya Kaanaadaa magaalaa Kaalgaarii jiraatu ayyaana irreechaa sanbata darbe kabajataniiru.

Ayyaanicha irratti hawaasni magaalaa Kaalgaarii fi naannawa ishee jiraatu hirmaatee jira. Ayyaanichi karaa aadaa, duudhaa, safuu fi safeeffanna uummanni Oromoo qabuun kabajame.

Dabalataan biyya keessattis ayyaanni Irreechaa kabajamuu eegaluu maddeen odeeffannoo eeranii jiru. Irreechi Birraa kibba baha Oromiyaa Godina Arsii aanaa Suudee ganda Haliilaa Anooleetti ayyaanni irreechaa karaa duudhaa, aadaa fi safuu uummatichaa eeggateen, bakka hawaasni bal’aan argameetti haala ho’aan kabajameera.

Maanguddoonni, akkasuma hawwaasni naannichaas ayyaana kanarraa qooda fudhatamiiru. Irreechi kun kan waggaa waggaadhaan uummata Oromoo miiliyoonaan lakkaawwamu biratti si’oominaan kan eegamu ayyaanni Irreechaa Hora Finfinnee fi Hora Harsadee dhuma torbee kanaa kabajamuuf wayiita jedhaa jirutti gaggeeffame.

Ayyaanni Irreechaa ayyaana Waliigalaa Oromoon hirmaatu kan Bishooftuu dursee kabajamuu isaan namooti hedduun qeeqaniiru.

Share this on: