Obbo Taayyee Danda’aa hidhaa waggaa meeqaan adabaman?
Obbo Taayyee Danda’aa hidhaa waggaa meeqaan adabaman?Dhimma kanarratti odeeffannoo BBC Afaan Oromoo irraa arganne Oromo Diaspora Media isiniif qoodne jirra.
ODM, Minneapolis,MN 2025
Manni Murtii dhaddacha har’a taa’een Obbo Taayyeen yakka meeshaa waraanaa seeran alaa qabatanii argamuun hidhaa cimaa waggaa 7fi ji’a lama akkasumas birrii 5,000 akka adabaman murteessera.
Deetaan Ministeera Nagaa duraaniifi miseensi Caffee kun Labsii Bulchiinsafi To’annoo Meeshaa Waraanaa 1177/12 keewwata 4 (1) fi 22 (3) jalatti himatamanii dhimmisaanii Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataatti murtiitti ilaallamaa turuunsaa ni yaadatama.
Himanni kun Obbo Taayyeen meeshaa waraanaa heeyyama hinqabne kilaashiin tokko, kaazinaa kilaashii lama fi rasaasa kilaashii 60 mana isaanitti argameera kan jedhudha.
Abukaatoo Obbo Taayyee kan ta’an Obbo Abarraa Nigus, “Ragaaleen ittisaa dhagahamuu qaban saditu turan. Isaan bifa sirrii hintaaneen osoo hin dhagahamin darbameera. Murtee manni murtii murteessu kabajnus komii qabna” jechuun BBC’tti himaniiru.
Falmiin ture maali?
Himata dhimma meeshaa waraanaa seeraan alaa mana Obbo Taayyee Danda’aatii argameera jedhurratti Abbaan Alangaafi Obbo Taayyeen wal falamaa turaniiru.
Falmii tureenis Abbaan Alangaa dhimmicharratti ragaaleen namaa lama mana murtittii dhiyaatanii jecha akka laatan taasisuunsaa ni yaadatama.
Obbo Taayyeen gama isaaniitiin eegdonni isaanii irraa ka’uu hordofee ‘yaaddoo nageenyaa qaban’ Komishinara Itti Aanaa Poolisii Federaalaa Malaakuu Fantaa mariisisuu isaaniifi, meeshaa waraanaa hidhachuuf Waajjira Ministira Mummeetii xalayaa akka barreessifatan komishinarichi itti himuusaanii mana murtiitti dubbatanii ture.
Sana boodas dhaabbata itti hojjetan Ministeera Nagaatti waqtii sanatti ministira kan turanfi amma Ambaasaaddara kan ta’an Binnaalf Andu’aalam xalayaa akka barreessaniif gaafachuu isaaniis himan. Guutuu murtiii kana marsariiti @https://www.facebook.com/oromodiasporamedia1/
