Qaamni ICE tibba kana Minisootaa to’annoo isaanii jala oolchuuf hojii jabduu irraa jiru!Of eeggannoo taasisaa jedhame jira
*****DUBBII JABDUU*****
Odeeffannoo Baayyee Murteessoo Warreen Minisootaa Magaalaa Lakkuu fi naannoosheef dhiyaatedha.Tibba kana waan Minisootaa keessatti deemaa jiru baayyeen keessan odeeffannoo guutuu qabdu jennee yaadna.Qaamni ICE ajaja ireezidaantii Tiraampii raawwachuuf tibba kana Minisootaa to’annoo isaanii jala oolchuuf hojii jabduu irraa jiru jedhame! Gareen ICE kun guyyaa boru humna dabalataan magaalaa Minneapolis to’annoo isaanii jala oolchuuf karoora qabu odeeffannoo jedhu arganne.
Furmaanni sochii baayyee hin barbaachisnee tokko tokko karoora keessan haqudha.Ragaalee adda addaa maalummaa fi eenyummaa keenya ibsuus harka keenyarratti yoo qabna tahe baayyee gaariidha.Addaatti immoo guyyaa boru warreen magaalaa Minneapolis of eeggannoo jabduu gochuu qabdu! Yoo qabiyyeen dubbii kana wal xaxaa isiniif tahe odeeffannoo guutuu dhimma kanarratti iddoo ‘comment’ armaan gadii ykn ‘Webiste’ Oromo Diaspora Media irratti argattu! https://www.facebook.com/share/p/14VziRarY2F/
Dhimma kanarratti ogeessa seeraa Obbo Israa’el jaarmiyaa ‘Gobena and Associates’ irraa dubbisnee jirra.Dhaamsa isaanii yeroo dhiyootti karaa marsaalee hawaasummaa keenya ni argattu!Qabiyyee af-gaaffii keenya kana keessatti haala yeroo amma deemuu jirurratti dubbanne.
Dhimma kanarratti kanneen deeggarsa seeraas tahe odeeffannoo guutuu barbaaddan 1888-4623625 Israel@gobenalaw.com dubbisuu dandeessu!Gaaffii namoonni adda addaa Waldaa Hawaasa Oromoo(OCM)f dhiyeessatti jiran irrattis obbo Israa’el yaada fi gorsa ogummaa kenne jira. https://www.gobena-law.com/
